Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Guyyaan gootota Oromoo  Kuta New Zealanad keessati kabajamee olee

20/04/08

Uummatni oromoo ittisa biyya isa oromiyaaf diddaa gabrummaa fi bilisummaa isaa gonfachuuf qabsoo godhe keessatti wareegama qaqqaali kafaleera,
Gootowwan oromoo diddaa gabrummaa fi qabsoo bilisummaa irratti wareegamanis seenaan bara baraan ni yaadata,
Uummatni oromoo fi qabsaawati ABO Gootota oromoo kanneen bilisummaa saba isaaniif jecha osoo qabsoo godhanii dirree falmaa mana hidhaa fi haala adda addaa keessatti lubbuun isaanii darbe wagga waggaan Ebila 15 yaadatamme oola,
Guyyaan kun guyyaa jaallawwn keenya kufan itti yaadannu fi wareegama gootota keenyaatti firii godhuuf waada keeny itti haaromsinu dha,

kaanaf nutsii Miseensoon ABO kutaa New Zealand keessa jiru bakka jiru konyaa lama keesaatti jechun Konyaa Okilandii fi Konyaa Wellingiton walitti dhufnee gafa guyyaa 20/04/08 haala garidhaan kabjanee holeerraa. 
guyyaa yadannoo goototaa kanaratii Bak buwaan konyaa haasa balaa godhaaniru,sagantaan kun akka aadaa Oromooti ebba maguddaan ergaa baname bodaa duraa ta'aan kutaa hasaaa balaa godhaniiru walagaumaa kanaratii anbaa qabsoo bilisummaa Oromoo kana ta'aan J/Dugomsaa dhugaasaa kara sararaa pltokitiin Uummta Oromoo undaaf hasaa gudda godhaniru,itti hansudhaan jaltamaf kabajamaa waalisaa bekama kan ta'ee J/Naa'oo gobana kara paltoki argaumuun Uumataa gammachisee jira,batalumatii qabsoo isaan eraatii wargamaan firii itii gochuuf gumachaa malaqaa $2.300 godhaaniru fulduratiis kara nu dandamee hundaan qabsoo keenyaa jabsuuf waadaa keenya armsinee jira,dhumaratiis sagnataan kun Faruu Aalaabatiin cufamee jira.
kanf nutii Miseensoni ABO Kutaa New Zealand keessa jiru ibsa ejennoo armaan gadii kana dabarfanee jira.
1) Murtuu fi Kutannoole Walgahii GS ABO dabrsee hjiiraa ni holchiinaa.
2)  yeroo amma kana WBOn tarakafi diinaartti   fudhachaa    jiru dhinqisifachaa waan dandanyun bira dhaabchuf waada keenya haarmsinee jira.
3)  Gootota Oromoo Qabsoo Oromoof jechaa lubbuu isaanii dabarsan, akkasumas kanneen hanga hardhaatti mana hidhaa keessatti mootummaa abbaa irreen dararaman gadda guddaan yaadana,                                           
4) ABO dhaloota irraa eegalee kan duula belleessii diinaa keessa qoramee darbe tahuu ni hubanna kana  keessa darbuun sadarkaa qabsoon keenya amma irra jiru diinoota keenya abdii waan kutachiisaa jiruuf ololaa diggaa,duula balleessii sadarakaa adda addaati diinni qabsoo keenyaa oofaa jiru dammaqinaan dura dhaabachuun qabsoo ABOn geggeeffamu bakkaan gahuuf,dhaaba keenyaafiis saba Oromoofis waadaa ni seenna,
5)ABO fi Uummata Oromoo addaan qooduuf tattaaffii diinnonni sabaa fi dhaabaa godhan hunda dura dhaabbanna, 
6) Dhaabbileen Oromoo tokko tokko biyya halaa kana keessati maqaa Uummata Oromoo aguuggatanii utuu beekaniis tahe dogoggoraan dalagaan ammoo hojii diinaa raawwachuun ABO fi saba Oromoo irratti dulaa faallaa QBO geggeessan hojii farrrummaa kana dhaabanii duula isaani gara diina saba Oromoo isaa tokkooffaa kana tahe Wayyaanee irratti akka xiyyeeffatan waamicha Oromummaa goonaaf sana ta'uun hojii diinummaa kana kan itti fufaan yoo tahe diina keenya irraa adda baafne isaan hin ilaallu Tooftaan diinni keenya gandaan,gosaan ,amantiin gargar nu qooduun bara bittaa isaa dheereffachuuf godhu tooftaa dulloommaa waan taheef Uummata keenya biratti fudhatama akka hin qabune amantii guutuu qbana          
 
GOOTOWWAN OROMOO SEENAAN BARA BARAAN YAADATA !
AKEEKA GOOTOWWAN KEENYA WAREEGAMANIIF BAKKAAN GAHUUF WAADAA KEENYA NI HAAROOMSIINA !
TOKKUMMAAN HUMNA !
OROMIYAAN DHIIGA ILMAAN ISHEEN NI BILISOOMTI !
GADAAN GADAA BILISUMMATI!
I,U.OF,
MISEENSOTAA ABO KUTAA NEW ZEALAND
          
 
Yaa goota koo
Kamiin kaasee, kamin dhiise
yoon si faarse ,siif weddise,
guyyaa guutu siif wallise
itti quufaa? garaan kan ko
hujii ketiif badhaasni ko
abbaa qabsoo yaa goota ko
seenaa dhiigaan tattaraarte
kaayyoo dhugaa duydatti baattee
ani dabruus isaaf jattee
sabaaf baatee sabaaf duute
yaa goota ko
ibsaa haaqaa gaachana ko
michuu gaarii gaafa rakkoo
irra deemte nagarsiiftee
lubbuu qaalii te kannitee
karaa dhugaa nabarsiiftee
ofiif kuftee ana kaafte
yaa goota ko
yaagoota ko abbaa seenaa
michuu qabsoo jaallee boonaa
kaayyoo baateef galmaan gayuuf
osoo deemtuu kuftee haaftuus
hin haanqattu bakka kaateef
an jaalli ke jira sihiif
yaa goota ko
akka ilmoo garaa jirtuu
dhalachuun isee hin olamnee
kaayyoon tetiis kalee baateef
yo haanqate galma isirraa
nahaaqabdu irbuun sabaa
an jaalli ke ja´een jira.
yaa goota ko
dhiigni kan ke yaa´ee hin haafne
lafeen tan te cabxe hin bannee
dhiigni gootaa dhangala´ee
torban dachii seene hin haafne
dhiigni isaanii daddaraaree
goota heedduu naqe tarree
abdii qabna fuuldurallee
bilisummaan akka hin oolle
yaa goota ko
irbuu sabaa fannifattee
bilisummaaf lubbuu laattee!!!
faaruu qabdaa si faarsinaa
baatrii sabaa kan dukkanaa
goota oromoo !! Haayyuu!! Gamna!!
yaa goota ko
maqaa keessan yaamuuf hin gayuu yeroonsaa
goota oromoo hunda gamtaan isin faarsa
Goota arihee qabu
leenca leencaa olii
kan saba isaaf falmu
diinaaf tahee summii
kan garaaf hin bulle dinaaf taheeulee
kan sab hin gurgurre dinaaf tahee haarree
gaachana lammii isaa
naasisaa diina saa
rakkoo yeroo obsaa hin kannu haarkasaa
danboobaan jiraatee ,abdii dha nyaanni isaa
hin daddaaqu yoomu ejjannoodha qabaa
xawalwaalle miti bishaan gabatee irraa
jaarmayasaa hin ganuu fidee alaanala
qabsoo godha malee kan keessa fi alaa
olola hi ofuu gootni guutu namaa
rakkoo isaa furuuf mariitti amana.
qoosaa takka hin beeku kaayyoo isaarratti
kaayyoo isaa tuqnaan te dubbiin dhumaati
bu´aa bahii qabsoo keeysa tarkaanfattee
jireenya sabaatiif lubbuute kannite
yaa goota oromoo kan kalee dabrte
siitu kufe malee hujiinte mullattee
Oromiyaan ati ijaan arku feete
haajallattu malee, kaartaan isii baatee
Afaan Oromootiin Oromoon baratee.
hahu isaanii haaftee qubeen baka buutee.
ammaas itti fufna qabsoon hin dhaabbattuu
haamma Oromiyaan guututti bilisoomtu
kana waadaan kan ko deebi´ee siif seenu
kaayyoo ati kufteef faajjii fuudhee falmuu

***<*>***

Caalaa Oborraa

Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net